Dubartoota Cimsuun Hawaasa Cimsuu Waan Ta’eef Qiyyaafata Argachuu Qabu: Bu’uursituu Dhaaba Tarkaanfii

  • Tuujubee Horaa

Your browser doesn’t support HTML5

Dubartoota Cimsuun Hawaasa Cimsuu Waan Ta’eef Qiyyaafata Argachuu Qabu: Bu’uursituu Dhaaba Tarkaanfii

Bu’uursituu dhaabbata bu’aaf hin hojjenne Tarkaanfii jedhamuu, Aaddee Workinesh Begii akka jedhanitti dhaabbatichi fedhii barnootaa dargaggootaafi dubartootaa guutuu dhaan hawaasa harka qalleeyyii ol kaasuuf akkasumas akka isaan of danda’an gochuuf hojjeta.

Dhiyeenya naannoo magaalaa Finfinnee irratti fuulefachuu dhaan manneen barnootaa ijaaree, manneen kitaabaa fi wiirtuuwwan nyaataa barattoota harka qalleeyyiif ijaaruu isaa Aadde Workinesh ibsaniiru. Akkasumas dubartoota 100 naannoo Somaalee keessaa buqqa’anii magaalaa Duukam qubataniif suuqiiwwan xixiqqaa banuufii dhaann carraa dinagdee uumeera.

Akka Aadde Worknesh jedhanitti, Tarkanfi kan deeggaramu dhaabbaoota teessoo isaa Kanaadaa fi Ameerikaa keessa maadheffate akkasumas Ejensii Misooma Kanaadaa fi Waldaa Luteraanii Faith jedhamuu fi Koloraadoo keessa jiru dabalatee ta’uu ibsaniiru.