Filannoon Fakkeessaa Kutaalee Yukireen Afur Gara Raashiyaatti Kutuuf Geggeessame Fudhatama Hin Qabu Jetti Yunaayitid Isteetis

  • VOA

Yukireen naannoo Raashiyaadhan to'atamee jiru keessatti hojjattoonni buufata filannoo sagalee filannoo lakkaahuf oggaa qophaahan,Kireemiyaa, Fulbaana 27, 2022.

Mootummaan Yukireen fi michoonni isaa warra dhihaa filannoon geggeessame fakkeessaa dha jechuun fudhatama kan dhabsiisan sagalee kennuun aangoo Raashiyaan kutaalee Yukireen afur keessatti geggeessame kibxata har’aa cufamuuf jira.

Dubbi himtuun White House Kaarin jaan-Piyeer gaazixeessotaaf kaleessa ibsa kennaniin ba’ii filannoo fakkeessaa uumamee beeksisame kamiinuu fudhatama dhabsiisuuf michoota keenya naannoo addunyaa cina ni dhaabanna jedhan. Bu’aa filannoo sobaa Raashiyaan beeksiftu kamiyyuu diduudhaaf michoota keenya addunyaa waliin dhaabbanna, jechuun itti gaafatamtuun pireesii Waayit Haawus Kaariin Jiin-Piyeer Wixata kaleessaa gaazexeessitootatti himaniiru

Kan nuti gochaa jirru gama ilaaleen, michoota keenya waliin ta’uu dhaan yoo kutaalee kana Raashiyaatti makuun itti fufa ta’e, uggura dinagdee ariifataa fi itti dabalaa Raashiyaa rra kaa’uuf qophoofnee jirra jedhan Piyeer.

Filannoon Jimaata darbe, naannoo Raashiyaan to’atte Luhansk fi Kherson akkasumas Doonetskii fi Zapriziyaa keessaa naannolee to’ataman keessatti jalqabame. Loltoonni Raashiyaa manaa mana irra deemanii lammiiwwan Yukireen sagalee akka kennan huuruu qawween ennaa dirqisiisan argamaniiru. Raashiyaa keessaa waamicha Putin loltoota waaman ilaalchisee mormiin guddaan ka’ee jira. Poolisiin Mooskoo fi daandilee ka biroo irratti kanneen mormiif hiriiran namoota dhibba hedduutti laka’aman to’annaa jala oolchaa jira.