Wallisaan Lammii Ertiraa Finfinneetti Du’aan Boqote 

  • VOA

Walisaa lammii Eerturaa Eyyasuu Tesfaahuneny( Suuraa faayilii)

Lammiin Eertiraa walisaa beekama ta’ee Eyyasuu Tesfaahuneny Qibxata keleessaa ganama magaala finfinnee keessatii balaa konkola’ataa issa irra gaheen aduunyaa kan irraa du’aan boqochu isaa odeeffannoo hiryootaa fi maatii isaa biraa argame irraa barameera.

Eyyasuu Tesfaahuneny wallisaa sirbootaa adda addaa baasefi waltajiiwwan gurguddoo irratti sirbootaa mataa isaatiif sirboottan walistootaa duraanii dhiheessaa kan tureedhaa.

Eyyasuun obboleesaa quxisuu walstuu beekamtuu Tiberhi Tesfaa huneny yemmuu ta’u, Sernii awwalacha isaa magaala Asmaraa keessatti akka raawatamuu beekamee jiraa.

Karaa biraatiin, sirnii awwalcha walisaa Maadingoo Afewerq guyaa borii akka lakoofsaa Itiyoophiyaatti guyaa keessaa sa’atii Sadeetitti mana amaantaa Ortodoksii Qidist Silaaseetti akka raawwatamuu ibsa koreen qendeessa awwalcha isaa baasee irraa baruun danda’amera.