Gurmuu Lammiwwan Keeniyaa Daandii Dheeraa Imaluun Ayyaana Irreechaati Hirmaatan  

Your browser doesn’t support HTML5

Gurmuu Lammiwwan Keeniyaa Daandii Dheeraa Imaluun Ayyaana Irreechaati Hirmaatan 

Ayyaana Irreechaa bara 2022 Finfinnee fi Bishooftuutti geggeessame irratti tuutni imaltootaa Keeniyaa irraa dhufan yeroo jalqabaaf hirmaatanii jiran.

Tuutni Oromoota Keeniyaa kutaalee Bulchiinsaa biyyattii Tana River, Isiollo, Marsabiit fi kaan irraa ka’anii karaa dheeraa imaluun ayyaana Irreechaa irratti argaman kun, hirmaannaa Irreecha baranaa irraa barnoota argachuu, darbees biyya sanyii isaanii arguu isaaniitti baayyee gammaduu VOAtti himan.

Kan imaltoota kana gammachuun simatan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa affeerraan akkasii lammilee Oromoo biyyoota hmbaa kaan jiraatan biraas akka gahuu dubbatan.

Koomishiniin Tuurizimii Oromiyaas fuul-druatti kanaaf akka karoora qaban dubbatu. Galmoo Daawwit Finfinnee irraa gabaasaa qaba.