Humnootiin Yukireen Wiixata kaleessaa naannoo Kiirson kan kibba biyyattiitti argamtuu keessatti injifannoo dabalataa gonfataa jiru. kunis guyyoota darban keessa bu’aa Yukreen bahaa keessatti argatan irratti dabalata ta’e jira. Sababiin isaas lafa humnoonni Raashaa ji’oota dabran torbaaf weeraranii qabatan Yukreen deebiftee qabachuuf haleellaa Raashiyaa irratti gaggeessuuf dhiibaa jiru.
Qondaaltonni Raashiyaan Kiirson keessatti muuddee akka jedhanti, waraanni Yukireen qubsuma tokko tokko deebisee qabachuu isaa kan ibsan yoo ta’u, Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ammoo ''kutaalee taankii olaanaa fayyadamaniin, Yukireen ''gadi fageenya sarara ittisa keenyaa keessa seenuu dandeesse jechuun beeksisee jira.
Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskii haasaa halkanWiixata kaleessaa taasisaniin, waraanni Yukireen tarkaanfii fudhateen fuulduratti tarkaanfachaa jira jedhan. Kanas gad fageenyaan kan hin ibsiinee zeleenskin, raayyaan ittisa isaanii magaalota naannoo hedduutti argaman deebisee qabateera jedhan
Dubbi himaan raayyaa ittisaa kan Raashiyaa amma iyyu akka jechaa jiranti, loltoonni Moskoo sarara ittisaa dursanii qopheessan qabatanii, miidhaa ibiddaa guddaa humnoota Yukreen irratti geessisuu itti fufaniiru jedhan.
Kheerson naannolee afur torban darbe preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin seeraan ala Raashaatti daballe jedhan keessaa tokko.