Antonii Bliinken Laatiin Amerikaa Daawwachaa Jiru

  • VOA

Chile US

Minstirii dhimmaa alaa Yunaayitid Isteetis Antoonii Biliken daawwanna biyyoottan Laatiin Amerikaa keessatti taasisaa jiran Itti fufuudhaan Roobii har’aa biyya Chiilii daawwatanii jiru. Ministeerrii dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets akka ibsetti, Bliinken Prezidaantii chiilii Gabri’eel Booriik fi minsteeraa dhimma alaa biyyatii Antoniyaa Ureehoolaat waliin wal arganii dhimmoottan biyyootan lamman walitii fidan kan akka daldalaa, nageenya naannoo, dhimma godaantotaa fi waa’ee jijjirama qileensaa irratti marii taasisanii jiru.

Antonii Bliinken Wixata dheengaddaa magaala Boogotaa keessatii Prezidaantii biyya Kolombiyaa Gustaavoo Peetrotin wal arganii akkaataa daldala baalaa sammuu namaa aduuchuu waloo dhaan too’achuun danda’amuu irratti marii taasisanii jiru. Dhimmicha irratti biyyoottan lamman walii galuu isaanii Biliken kan ibsan Yoo ta’uu waa’ee walii galtee irraa gahame irratii amma ammaatti wanti beekame hin jiru.

Blinken daawwanaa isaanii torban kana keessatti biyyoottan isaan daawwatan Kolombiyaan, Chiilii fi Peeruun hoggantootaa ilaalchaa adduunyaa Yunaayitid Isteete qabduu irra adda kan ta’ee ilaalchaa gara bitaatti luuccefate kan qabanii dha.