Dhalatttoonni Tigiraay Kaleessa Finfinneetti Embaasiilee Ameerikaa fi Briteen Fuul-duratti Hiriira Bahan  

Your browser doesn’t support HTML5

Dhalatttoonni Tigiraay Kaleessa Finfinneetti Embaasiilee Ameerikaa fi Briteen Fuul-duratti Hiriira Bahan

Kanneen magaalaa Finfinnee keessa jiraatan dhalattoonni Tigiraay hiriira mormii Adda Bilisummaa Uummata Tigiraayiin balaaleffatu kaleessa geggeessaniin, kanneen Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay ilaalchisee ejjennoo dogoggoraa qbu ittiin jedhan Imbaasiilee Ameerikaa fi Briteenitti xalayaa mormii galfatanii jiran. Hiroiira mormii paartii Badhaadhinaa Tigiraayiin qindeessame kanatti kanneen hirmaatan dhalattoonni Tigiraay, Gamtaa Afrikaattis akkasuma xalayaa galfatanii jiran.

Gama biraatiin ka naannoo Tigiraay Paartiin Baayitoonaa garuu, hiriirri paartiin Badhaadhinaa Tigiraay qopheesse uummata Tigiraay bakka hin bu’u – jedha. Paarlaamaatti mariin nagaa boodatti harkifachuu fi waraansi deebi’ee jalqabamuufis sababaan akka mootummaa tahetti balaaleffate – paartiin kun.