Sudaan Lolaa Jandoo Roobaatiin Miidhamaa Jirti  

  • VOA

Sudan

Rooba cimaa irra kan ka’e lolaa umameen manneenii fi omshinii midhaanii lammiilee sudaan kumaan lakkawamanii manca’un isaa gabaasamee jira.

Roobaa yeroo isaa malee dursee jalqabee Kanaan yoo yarate namoonnni kuma 200 fi kuma 58 akka midhamaniif kutaalee biyyatti keessa jiran 18 keesaa 15 lolaa Kanaan midhamuu isaanii dhaabbanni mootummootaa gamtoomanii ibsee jira.

Namoottan balaa Kanaan qe’e isaanii irra buqaa’n keessaa tokko kan ta’an, Ismaa’el Daawud Abbaas namii jedhaman lolaan halaa isaan irratti qaqqabsise akkana jedhan ibsan.

“Mana teenyee lolaa of irraa ittisuu hin dandeenye. Bakka nageenyaa koo fi ijoolee kooti mijataa ta’e barbachuu qabna. Ammaaf gara kanatti dhufuutu nurra ture. Akkaataan jireenyaa keenyaa akkumaa argaa jirtanuudhaa” jedhe

Dhaabbata mootumootaatti waajjirri qindeessa dhimma gargaarsa namoomaa akka ibsetti , Kutaa lixa Daarfuur keessa naannoleen jiran Riiver Naayil, waayit naayil, Kordoofaan lixaa fi Kordoofaan kibbaa warren balaa roobaa Kanaan hedduu midhamaniidhaa.

Koreen waldaa fannoo diimaa adduunyaa dhuma ji’a kanaatii jalqabee maatiwwan kuma 45 fi 600 ta’an waan jireenya isaaniitiif barbaachisaa ta’ee dhiheessuudhaaf karoorfachuu isaa beeksisee jira.

Namoottan caalaan isaanii dubartootaa fi ijoollewan ta’a kuma 30n haalaa bishaan qulquluu argachuu danda’an irratti hopjjachaa jiraachuu isaa koreen fannoo dhiimaa Adduunyaa akka ibse gabaasamee jira.