Manneen Barnootaa Sababaa Walitti Bu’iinsaan Manca’an Deebisanii Ijaaramuuf Ka jiru Ta’uun Ibsame

  • VOA

FAAYILII -Namoota sababa waraanaatiin qehee irraa buqahanii mana barumsaa Addis Faanaa jedhamu keessa daheeffatanii jira, Dasee, Naannoo Amaaraa, Hagayya 23, 2021.

Dhaabi Menshin for Menshin Itiyooohiyaa-n walitti bu’iinsa booda naannolee afur keessatti hojii deebisanii ijaaruu jalqabuuf ministrii barnootaa Itiyoophiyaa waliin walii galtee mallatteessee jira. Galmeen qarshii miliyoona 300tiin manneen barnootaa akka ijaaru illee ibsee jira. Dhaabichi, naannoo Tigraay keessaa manneen barnootaa manca’ani deebisee ijaaruuf haalli isaa ennaa mijatu kan hirmaatu ta’uu beeksisee jira.

Miinisteerri barnootaa obbo Biraanuu Naggaa naannoolee Amaaraa fi Affaar keessaa walitti bu’iinsa biyyattii gama kaabaa keessatti mudatetti aansuu dhaan manneen barnootaa 1,300 irra miidhaan ga’ee jira. Ministerichi tattaaffii deebisanii ijaaruu fi deebisanii dhaabuu irratti qaamni martinuu akka hirmaatan waamicha dabarsaniiru.