Kanneen fonqolcha mootummaan himataman, miseensonni “koree hundeessituu mootummaa ce’uumsa biyyoolessaa Oromiyaa” jedhamee fi gaazexeessitoonni Oromiyaa Niwusii Netwoorikii 2, Jimaata dabre jechuun Fulbaana 27 bara 2015tti mana murtii waliigala Oromiyaatti dhihaachuu, Abukaatoon isaanii Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.
Akka Abukaatoon himatamtootaa, Obbo Guddannee Fiqqduu jedhanitti, mann-murtii ragaa namoota 15 abbaan alangaa himatamtoota irratti dhiheesse keessaa kan namoota toorbaa dhaggeeffatee jira.