Chaayinaa Waliin Wal Wraanuun Gonkumaa Filannoo Keessa hin Galu: Taaywaan

  • VOA

Pirezdaantii Taayiwaan Saay Ing-Weng, Kabaja Guyyaa Biyyoolessaa irratti haasaa yeroo godhan, Taayiwan, Onkoloolessa 10, 2020

Wiixata kaleessaa kana kan dubbatan Pirezidaantiin Taayiwaan, Saay Ing-Weng, Beejiing waliin haasa'uuf fedhii qabaachuu isaanii irra deebi'anii ibsanii jiru. Kana malees, eegumsa ittisaa Taaywaaniif ta’u guddisuuf waadaa galanii,kunis misaa'ela sirrii ta'an fayyadamuu dabalata jedhan.

Chaayinaan qabeenya kootii kan ittiin jettu fi Dimookraatawaa kan taatee Taayiwaan, dhiibbaa waraanaa fi syaasaa Chaayinaa jala jirti.Keessumaa jalqaba baatii Hagayyaa af-yaa’iin mana maree Yuaanytid Isteet Naansii Peeloosii daawwannaa Taayipeetti taasisaniin sana booda.

Waldhabdeen Taayiwaan irratti ka’u kamiyyuu Ameerikaa, Jaappaanii fi tarii addunyaa harka caalu ofitti harkisuu akkasumas dinagdee addunyaa Taayiwaan olaantummaa keessatti qabdu cabsuu danda’a.

keessumaa bilbila ismaartii fi taableetii irraa kaasee hanga jeettii waraanaatti waan hunda keessatti fayyadamu waan ta’eef jedhamee jira.