Itoophiyaa keessatti daa’immaan umuriin isaanii guyyaa fi ji’aan lakkaawamu tajaajila fayyaa gahaa dhabuu, hanqina hubannoo hawaasaa irraa, akkasumas kunuunsa gahaa dhabuu irraa, guyyaatti kanneen 324 tahan akka lubbuun darbu ministeerri fayyaa Itoophiyaa ibsee jira.
Ministeerri fayyaa du’a daa’imman kanaa hambisuu fi wal’aansa fi kunuunsa gahaa akka argatan taasisuuf hojjetaa jira, jechuun deetaan ministeera fayyaa Dr.Darajjee Dhugumaa ibsanii jiran.