Gujii Keessatti Dhukkubni Qaama Hafuura Qabatu Lubbuu Namaa Galaafate   

Your browser doesn’t support HTML5

Gujii Keessatti Dhukkubni Qaama Hafuura Qabatu Lubbuu Namaa Galaafate   

Torban lamaa as Godina Gujii Aanaa gumii Eldallootti dhibeen qaama hafuura baafannaa yokaan hargansuu mudataa jiru lubbuu nama lamaa galaafachuu fi kanneen dhibba afur tahan qabachuu, waajirri fayyaa godinichaa beeksisee jira.

Obbo Galaanaa Xilaayee itti gaafatamaan wajjira hooggansa balaa tasaa fayyaa hawaasaa Gujii dhibeen kun Gujii, Aanaa gumii Eldalloo ganda Malkaa Gubaa bakka qubattoonni kuma shan ol jiraachaa jiranitti akka mul’ate ibsan.