Biyyoonni Jaboon Gama Dhiyaa Itiyooophiyaa fi Gareen Finciltootaa Marii Araaraatti Akka Deebi’an Gaafatan

  • VOA

FAAYILII- Taankii waraanaa barbadaahee qarqara karaa jiru, Humaraa, Caamsa 1, 2021.

Yunaayitid Isteetisii fi biyyoonni jaboon warra dhiyaa mootummaan Itiyoophiyaa fi gareen finciltoota Tigraay gamtaa Afriikaan kan durfamu marii araaraa akka jalaban gaafatanii, walitti bu’iinsi sun deebi’ee jalqbnaan Itiyoophiyaaf balaa namoomaa hamaa akka ta’e akeekkachiisaniiru.

Yunaayitid Isteetis, Biriteen, Awustiraaliyaa, Deenmaark, Jarmanii fi Nezerlaands waliin ta’uun akka jedhnanitti xumura baatii Hagayaa irra kan kan irra ga’ame walii galteen lola dhaabinsaa baatilee shanii diigamuun isaa nu yaaddesseera jedhan.

Walitti bu’iinsa sanaaf waraanni furmaata tokko iyyuu akka hin fidne illee Mootummaan Itiyoophiyaa fi mootummaan naannoo Tigraay akka hubatan ni gaafanna jechuu dhaan Itiyoophiyaan nagaa waariinsa qabu akka argattu gochuuf marii gamtaa Afriikaan durfamu irratti angawoonni akka argaman ni gaafanna jedha ibsichi.

Muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed deggeruuf gara wal waraansaatti deebite Eertraa dabalatee mootummaa federaalaa fi TPLF martinuu dararaa raawwatameef kan itti gaafataman ta’uu biyyoonni gama dhiyaa akeekkachiisanii jiran.

Wal waraansi Itiyoophiyaa gama kaabaa daranuu dhiittaa mirga namaa fi dararaa hammeessa jedhan. TPLF shakkii yeroo dheeraa booda gamtaan Afriikaa marii sana jaarsummaan jidduu akka seenu walii galee jira. Haa ta’u malee mariin kun torban darbe Afriikaa kibbaatti akka geggeessamu erga waamamee booda, prezidaantiin Keeniyaa duraanii Uhuuruu Keeniyaattaa hirmaachuu akka hin dandeenye beeksisan.

Biyyoonni gama dhiyaa loltoonni Eertraa biyya addunyaa ka biroof cufataa taatee Itiyoophiyaa akka gad dhiisan gaafataniiru. Kanneen biyya alaa walitti bu’iinsa sana hammeessuu irraa of qusachuu qabu jedhan.