Ayyaanni Dhalootaa Jeneraal Taaddesee Birruu Waggaa 100ffaan Qophii  Adda Addaan Akka Guutummaa Oromiyaatti Kabajamu Himame  

Your browser doesn’t support HTML5

Ayyaanni Dhalootaa Jeneraal Taaddesee Birruu Waggaa 100ffaan Qophii  Adda Addaan Akka Guutummaa Oromiyaatti Kabajamu Himame

Faawundeeshiniin Maqaa Jeneraal Taaddesee Birruun hundaaye dhaloota wagga 100ffaa isaanii sababa gochuun sagantaa addaa qopheessuuf akka jiru harra beeksisee jira.

Jeneraal Taaddesee Birruu bara 1921 dhalatanii bara 1975 mootummaa Dargiitiin naannawa Finfinneetti ajjeefamuu ka dubbatan, Yunivarsitii Salaaleetti barsiisaan seenaa - Obbo Mabraatee Geergisoo Jeneraal Taaddeseen Itiyoophiyaaf humna poolisii ijaaruun, Oromoof carraan barnoota akka saaqamuuf warra falmaa turan keessaa tokko tahuun, darbees warreen Afrikaa keessatti qabsoo diddaa garbummaa hoogganaa turan qabsaawota akka Neelsen Maandeellaa nama leenjisee, qabsaawaa guddaa waan tahaniif yaadannoon seenaa isaanii madaalu biyyattii keessatti hundeeffamuufii qaba, jedhan.