Miseensi Koree Giddu-galeessaa yokaan Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Moo’iboon Baqqalee, ka Finfinnee daangessu, magaalaa Buraayyuu keessatti hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen ajjeesame, jechuun Paartiin isaa beeksisee jira.
Mo’iboon naannoo mana isaatti rasaasaan rukutamee ajjeesame, jedha ABOn. Ajjeefamuu Mo’iboon ilaalchisee kan gaafatame Koomishiniin magaalaa Finfinnee, ragaa odeeffannoo akka hin qabne Sagalee Ameerikaaf ibse. Koomishina Poolisii Oromiyaa fi ka magaalaa Buraayyuu irraa ibsa argachuuf carraaqqiin haga ammaatti taasisne hin milkoofne.