Hongeen Naannoo Somaalee Sababa Hanqina Roobaatiin Yeroon Isaa Dheerachuun Ibsamei

  • VOA

FAAYILII - Naannoo Somaalee ganda Adadile. Suuraa Dhaabbata Nyaataa Addunyyaa irraa karaa Rooyers argame

Mootummaan naannoo Somaalee baatii Onkoloolessaa hanga muddee bara 2022tti yeroo arfaffaaf walitti aansuun yeroon roobaa hafuun dhiibbaan hongeen qabaate gara waqtii ka birootti dheerachuu akka danda’u ibsee jira.

Itti aanaa dubbi himaan mootummaa naannoo kutaa ja’aa Ferhihaan Abdullaahii akka jedhanitti, naannon sun jalqaba baatii Okoloolessaa rooba arguu qaba ture. Naannoo Somaalee yeroo roobaa Guu fi Deeyr jedhaman lama irratti kan hirkatu ta’uu Addis Chekkol ogeessa tilmaama haala qilleensaa dubbisuun gabaaseera.