Lammiin Somaaliyaa Balaa Yabala Godaantotaa Odola Girikii Ka Torban Darbee Irraa Oole Seenaa Isaa Hime

  • VOA

Bakka godaantonni yeroodhaf keessa qubachiifaman, Kiytiraa, Griik, Onkoloolessa 7, 2022

Torban darbe andaara galaana Girikiitti yoo xiqqaate godaantota gara Awrooppaa deemaa turan 18 ka galaafateef sababaan mootorri cabuu fi danbalii galaanaa hamaa dha jechuu dhaan namni balaa sana irraa lubbuun oole tokko VOAf ibsee jira.

Kan lubbuun oolee fi umuriin isaa 20moota keessa ta’e Musxafaa Faaraah VOA sagantaa Afaan Somaleef akka ibsetti, godaantonni 50 ta’an magaalaa Turkii andaara galaanaa Ejeeyaan jirtu Izmiir irraa ka’auu dhaan yabala gara Turiitti deemaa turteef Yabala namoota humnaa ol fe’atte irra turan jedhe.

Halkan dukkanaan dahannee utuu imalaa jirruuti mootorri yabalattii hojjechuu didee danbaliin galaana Ejiyaan kan raase jedha Musxafaan. Sa’aatilee sadiif galaana irra safafne. Danbaliin sun guddaa yoo ta’u, galaana irra hanga meetira sadii ol ka’aa ture jedhee jira.

Jiraattonni Odolattii fi hojjettoonni ittisa ibiddaa, kanneen miidhaman gara dachee jiruutti ol harkisan. Kanneen lubbuun hafanii fi reeffa godaantota lammiiwwan Somaaliyaa gara magaalaa guddoo Leesboos Maaytileneetti geessaman. Dhiirri tokkoo fi dubartoonni 17 du’uu Musxafaan ibsee jira. Dhiirota 13 fi dubartoota 17 dabalatee kanneen biroon 30 lubbuun ooluu illee ibsee jira.

Asoosheetid Prees akka gabaasetti odola Girikii gama bahaatti argamutti waardiyyaaleen andaara galaanaa dargaggoota dubartoota Afriikaa 16 fi dhiira tokkoo fi dargaggeessa tokko dabalatee reeffa namoota erga yaballi namoota 40 baattee deemaa turte liqimfamtee booda argame jedhan. Angawoonni eegumsa andaara galaanaa itti dabaluu dhaan hanga kamisa galgalaatti namoonni 25 baraaramuu danda’aniiru jedhan.