Kooriyaan kaabaa misaayila baalistikaa fageenya gabaabaa furguggiste Angawoonni Kooriyaa kibbaa fi Jaappaan akka jedhanitti Misaayilli sun jimaata gara andaara galaana baha kooriyaa kaabaatti furguggifame.
Hoogganaan gamtaa ajaja waraanaa gameessi kan Kooriyaa kibbaa Kaang Hoo Piil akka jedhanitti waraanni biyya isaanii kooriyaan kaabaa yaalii tuttuqqaa akkasii akka dhaabu akeekkachiisa cimaa kennaa jirti.
Kooriyaan kaabaa dhukaasa gara 170 dhukaasuu isee angawoonni Kooriyaa kibbaa ibsanii, naannoo dhukaasi irraa dhorkame kan bara 2018 walii galteeen muddama odola kooriyaa gad xiqqeessuuf irra ga’ame dhaqqabee jira.
Ministra kaabinee Jaappaan kan ta’an Kirookaazuu Maatsuunoo baalistiki jimaata har’aa furguggifamee fi xayyaarri waraanaa naannoo daangaa Kooriyaa kibbaa balali’uu dhaan yaalii meeshaa waraanaa kooriyaan kaabaa geggeessite muddama jiru daran kan hammeessu ta’uu dubbataniiru.