Mootummaan Fedeeraalaa Kan Itiyoophiyaa fi Addi Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) walii galtee dhukaasa dahabiinsa irra akka ga’an Diploomaatonni gaafataa jiru..
Dura ta’an komiishiina gamtaa Afrikaa Musaa Faakii Maahmat Dilbata kaleessaa ibsa baasaniin, wal waraansa kana irraa yaaddoo jabaa qaban ibsuun, haal duree tokko malee battalumatti dhukaasa dhaabbinsii ta’e tajaajiilli gargaarsa dhala namaa akka itti fufuu gaafatan.
Gam lameen mariin nageenyaa gamtaa Afrikaan hogganamuu Afrikaa kibbaa keessatti gaggeeffamuuf karoorfamee sanatti akka cichan gaafatan.Mnisteerrii haajaa alaa Ameerikaa Antonii Bliinkan mootummonni Itiyoophiyaa fi Ertraa haleellaa waloon gaggeessan akka dhaaban, akkasumas aangawoonni Tigraay gochaalee tuttuqqaa akka dhaaban gaafatan.
ABUT haal duree tokko malee dhukaasii dhaabinsii akka ta’u akkasumas gargaarsii namoomaa raabsuun deebi’ee akka jalqabamuu jechuun ibsa dura ta’an komiishiina gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Mahmaat baasan baasan simatee jira.
Mootummaan Itiyoophiyaa garu, tarkaanfiin ittisaa fudhachaa jiru haleellaa ABUT irra deddebi’uun gaggeessuu faccisuuf qofa otoo hin taanee humnoota alaa diinummaa qaba waliinis jedhee jira.