Loltoonni Itiyoophiyaa Magaalaa Shiree Qabatan  

  • VOA

Maapii naannoo Tigraay agarsiisu

Humnoonni Mootummaa Itiyoophiyaa fi wal-taatonni isaanii magaalaa guguddoo Tigiraay Kaabaa keessa jiran keessaa tokko ka taate Shiree, humnoota naannichaa harkaa baafachuun qabatan, jechuuun maddeen dippiloomaatotaa fi gargaarsa namoomaa lama itti himuu eeree Rooyiters gabaasee jira.

Hookkarri Tigiraay keessaa naannoolee ollaa sanaatti babal’ate fi waraana Ertiraallee hirmaachise, siiviloota kuma hedduu ajjeesee, kanneen miliyoonotaan lakkaawaman manaa fi qehee irraa buqqisa. Kanneen kuma dhibba hedduutti lakkaawaman ammoo beelaaf saaxilamanii jiran.

Magaalaan Shiree kiiloomeetira 140 Maqalee irraa fagaatti. Uummata kuma kurna hedduu bakkawwan biroo irraa buqqa’an tu itti dheeressee keessa jiraata.