Koongiresiin Federaalawaa Oromoo KFO'n waliigalteen daangeffama bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi bulchiinsa godina addaa Oromiyaa gidduutti taasisame mormuun ibsa baasee jira.
Miseensa Koree Teekinikaa daangaa sana qoratee fi daangessee ka tahan ogeessi tokko immoo, hojiin daangaa kan oguma saayinsiin deggerame, jedhanii turan. Muummeen ministeera Itoophiyaa Abiyyi Ahmad illee hojiin daangaa buusuu kun hojii paartiin isaani haga ammaatti hojjete keessaa isa ijoo akka tahetti dubbatanii turan