Naayijeeriyaa keessatti lakkoofsi namoota lolaa bishaanii cimaan mudateen yeroo ammaa du’anii 600 kan caalan yoo ta’u, namoonni miliyoona 1 ol ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Lolaan kun qonnaa fi daandii uwwisee deddeebii nyaataa fi boba’aa boodatti hambisee jira. Angawoonni rakkoo kana furuuf rakkachaa jiru, sababiin isaas gatiin ol ka’uun duruu lammiilee Naayijeeriyaa jireenyi itti hammeessee jira jedha gabaasi Timootii Obeeyizuu.
Riqicha Dantataa qarqara galaanaa kutaa Kogi keessaa irra midhaan nyaataa toonii hedduu fi boba’aan bakka silaa ga’uun irra jiru irraa km fagoo irratti argamu. Dhiibbaan lolaa hamaa Naayijeeriyaa waggoota 10 keessatti mudate kan jalqabaa ti.
Riqichi kun magaalaa galma mootummaa Abujaa dabalatee kaabaa fi kibba Naayijeeriyaa kan walitti fidu yoo ta’u daandiin waan citeef jecha waan barbaachisu deddeebisuun rakkisaa ta’ee jira. Balaan lolaa lafa qonnaa mancaasuu dhaan riqicha Dantaataa dabalatee daandilee hedduu miidhee jira.
BHojii daldala boba’aa irratti kan bobba’an Bashiiruu Usmaan, boba’aa argachuuf rakkoo nutti ta’ee jira. Toora kana akkuma argitan, boba’aan hin jiru, boba’aan kan gurguramu buufata boba’aa tokko qofaatti jedhan.
Angawoonni akka jedhanitti kutalee Naayjeeriyaa 36 keessaa kutaalee 33 keessa kan jiraatu uummata miliyoona lama ta’u irra miidhaan ga’ee jira.