Atileetin Lammii Iraan Hijaaba Male Dorgomte Biyya Ofiitti Deebi’uun Sodaa To’annaa Jala Oolti Jedhu Uumee Jira

  • VOA

Atileetii Iraan Elnaaz Rekabii dorgommii irratti, Sowul Kooriyaa Kibbaa, Onk. 16, 2022

Shaampiyoonaa dorgommii dhakaa tabba irraa yaabuu Eesiyaa kan Kooriyaa Kibbaatti geggeeffame irratti hijaaba atileetota dubartoota Iraan irraa barbaadamu utuu hin haguuggatin dorgomtee kan turte Elinaaz Rekaabii, to’annoo jala ooluu malti yaaddoo jedhun kibxata ganama deggertoota hedduu dhaan simatamtee Teeraaniin seentee jirti.

Reekabiin akkuma Iraan geesseen kameeraa dhaabbilee oduu mootummaa lama fuul duratti dhiyaachuun, akkuman fuula inistaagiraami irratti maxxanse taateen kun guutummaatti akka tasaa ta’e jechuun itti himteetti. Kophee fi meeshaa ka biroo kaayyachuuf waanan hin dhaqqabneef, hijaaba uffachuu akkan dagadhu na taasisee booda dorgomuuf deeme jette.

Hijaaba utuu hin haguuggatin dorgommii sana irratti dhiyaachuu ilaalchisee gaaffii dhiyaate ka biroof Reekaabiin ennaa deebistu, muddma keessa jiraadhus, nagaa guutuu dhaan Iraanitti deebi’een jira jette. Hanga yoonaa rabbiif haa galatu homtuu hin uumamne jette.

Dorgommii Dilbataa booda garuu hiriyoonni ishee arguu waan hin dandeenyeef nageenya iseef yaadda’aa jiran.