Itti Aanaan Muummicha Ministira Itiyoophiyaa Diplomaatita Finfinnee Keessaaf Ibsa kennan

  • VOA

FAAYILII - Itti aanaan muumchi ministiraa fi Ministira Dhimma alaa Itiyoophiyaa Demeqee Mekonnin, FInfinnee, Sadaasa. 4, 2020.

Itti aanaan muumchi ministiraa fi Ministira Dhimma alaa Itiyoophiyaa Demeqee Mekonnin har’a Onkoloolessa 21 Dippilomaatota Finfinnee keessa jiraniif bakka bu’oota dhaabbilee sadarkaa addunyaa haala yeroo Itiyoophiyaa keessaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Itti aanaan muummichi ministiraa fi ministirri haajaa alaa Ityoophiyaan marii nageenyaa Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamuuf qophii ta’uu himaniiru, sababiin isaas Mootummaan waldhabdee uumame karaa nagaan hiikuuf bakka kamiinuu fi yeroo fedheetti deemuuf qophii ta’uu dubbachaa tureera jedhan.

Tigraay bakka waraansa irraa walaba ta’e keessa ummata jiraatuuf mootummaan deeggarsa namoomaa dhaqqabsiisuuf kutannoo fi qophii inni qabu illee ibsaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa naannoo Tigraay keessatti sirna heera mootummaa bakkatti deebisuuf, buufataalee xayyaaraa fi nageenya waaltaalee federaalaa kanneen biroo eeguuf dursa kennuu dhaan lammiiwwan naannoo Tigraay keessa jiraataniif gargaarsa dhaqqabu dursee adda baasuu dhaan hojjetaa jira jedhan.

Itti aanaa muummichi ministrichaa gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa fi gumii mirga dhala namaa kan tokkummaa mootummoota keessa kanneen jiran obboloonni lammiiwwan Afriikaa fi michoonni Itiyoophiyaa yeroo rakkootti deggersa isaan godhaniif galateeffataniiru.

Dhuma irrattis gaaffii hirmaattota irraa dhiyaateef deebii kennanii jiran. Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Itiyoophiyaa ambaasaadder Melles alem hawaasi diplomaasummaa itti aanaa ministrii dhimma alaa Ifi ministrii haajaa alaa Itiooophiyaa waliin turtii taasisetti aansee tuuta oduuf ibsa kennaniiru.