Qoramaanni Biyyoolessaa kan Bara 2014 Xumurame 

  • VOA

FAAYILII - Yunversiitii Wallagaa

Qormaanni biyyoolessaa bara barnootaa 2014 marsaa lammaffaa Jimaata har’aa xumuramuu Ministeerri Barnootaa beeksise. Ministeerichi akka jedhetti, “barattoonni qormaata fudhachuuf gara yunivarsiitiiwwan-tti akka imalan taasisuun tattaaffii farra qormaata hatuuf taasifamaa jiru ol kaaseera.”

Yeroo jalqabaaf qormaanni biyyoolessaa mooraa yuunivarsiitiiwwan guutuu biyyattii keessatti kenname.

Yonatan Zebidewos mooraa Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti qormaata booda warraa fi barattoota otoobisii koranii gara biyyaatti deebi'aa turan waliin haasofsiisuun gabaaseera.