Gareen Marii Araaraa Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Afrikaa Kibbaa Seenuun Himame

  • VOA

Faayilii-Tigray region

Marii Araaraa Mootummaa Itiyoophiyaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay gidduutti jalqabama jedhameef gama lemeen irraa mari’attoonni Afrikaa Kibbaa galuun isaanii dhaga’amaa jira. Iddoo fi sa’aatiin mariin sun itti geggeessamu kan iccitiitti qabamee fi haga ammaatti hin himamiin jiru taheyyuu, gama Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay irraa Proofeesar Kindayyaa Gabrehiwoot har’a fuula Twiiterii isaanii irratti barruu maxxansaniin gareen isaanii Afrikaa Kibba galuu isaa beeksisanii jiran.

“Marii araaraa Itiyoophiyaa fi Tigiraay ka Gamtaa Afrikaatiin hoogganamutti hirmaachuuf jilli mootummaa Tigiraay Afrikaa Kibbaa seenee jira,” jedhan.

Dubbi-himaan kun “dhimmoota fardii” jechuun fuula Twiterii isaanii iratti “waraansi hatattamaan akka dhaabatu, dhiheessiin gargaarsa namoomaa otuu hin daangessamiin kennamuu fi humnoonni Ertiraa Tigiraay keessaa bahuu,”tahuu barreessanii jiran. Tahus, qabxiileen kun haal-duree marichaa tahuu fi dhiisuun waan adda baasanii himan hin jiru.

“Tarkaanfiin waraanaa furmaata tahuu hin danda’u,” jechuun barruu twiterii isaanii xumuran, Proofessar Kidayyaa Gavrehiwoot. Garee gama Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay keessa Jeneraal Tsaadqaan Gabre-tensaayii fi Obbo Getaachew Raddaa ka jiran tabuun gabaasamee jira.

Hanga oduun kun qindeessametti gama mootummaa Itiyoophiyaatii oduun ifaan dhaga’ame jiraachuu dhabaateyyuu, miseensa garee hirmaattota marii araa gam mootummaa Itiyoophiyaa akka tahan ka duraan ibsamee ture, Obbo Reediwaan Huseen, Kamisa dabre, jechuun Onkoloolessa 20,2022 fuula twiterii isaanii irratti barruu maxxansaniin, waiin dubbiin yokaan mariin sun Wixata, Onkoloolessa 24 akka geggeessamu Gamtaan Afrikaa isaan beeksisuu eeranii, mootummaan isaanii marichatti hirmaachuuf murataa tahuu irra deebi’anii akka mirkaneessan ibsanii turan. Qaxiileen marichaa maal maal akka tahan haga ammaatti odeeffannoon ifa bahe hin jiru.

Waraansi Itiyoophiyaa Kaabaa biyya isaanii jabaa akka yaaddesse ka dubbatan Ministarri Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis, Antonii Bilinken, mariin nagaa Wixata Afrikaa Kibbatti geggeessamu, hafuura qajeelummaan akka tahu waamicha dhiheessuudhaan, waraansi akka hatattamaan dhaabatu, dhiheessiin gargaarsa namoomaa hin daangessamne akka jiraatuu fi humnoonni Ertiraa daangaa Itiyoophiyaa Kaabaa keessaa akka bahan hubachiisuu isaanii, dubbi-himaan Ministarichaa – Need Praayis ibsanii jiran. Gamtaa Afrikaa irraa ibsi ifatti kenname hin jiru. Dhimma kana ilaalchisee oduu bahu hordofnee battalumatti isiniin gahuuf carraaqaa jirra.