Tigraay Keessatti Humnaan Gudeeddii fi Ajjeechaan Rawwatamee Jira: Galmee Keessoo

  • VOA

Tigray region

Ityoophiyaa gama kaabaa naannoo Tigraayitti wal waraansa geggeeffameen dubartoonnii fi shamarran kurnootaan lakkaa'aman gudeedamuu fi lammiileen nagaa dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuun gabaafamee jira.

Kanas galmee waaltaa Qindeessituu haala hatattamaa kan Balaa Tasaa bulchiinsa naannoo naannoo Tigraay qopheessee fi The Asoosheetid Prees ijaan argeetu mul'isa. Magaala Tigraay Kaaba dhiyaa Shiraaroo keessatti, shamarranii fi dubartoonni umriin isaanii waggaa 13 hanga 80 gidduu jiran gara 40 ta'an gudeedamaniiru jedha.

Hokkara saalaa kanaaf eenyu itti gaafatamaa akka ta’e kan hin ibsinee galmeen kun, yoom akka gaggeeffamees hin ibsine. Galmeen keessoo kun akka gabaasetti Tigraay naannoo Tahtay Adiyaboo, Dedebit fi Tselemti keessatti namoonni dhuunfaa 159 rasaasaan ajjeefamaniiru.

Walitti bu’iinsi humnoota Itiyoophiyaa fi ABUT jiddutti eeega jalqabamee waggaa lama guutuuf akka jiru ni yaadatama.