Magaalaa Jiiboo gama kaabaatti haleellaa raawwateen yoo xiqqaate loltoonni Burkinaafaasoo 10 du’uu isaanii fi kanneen 50 ta’an madaa’uun gabaasamee jira. Haleellaan shororkeessummaa baatilee sadii fi uggura Jihaadaa jala kan turu magaalaa Jiiboo keessatti kan argamu murna waraanaa 14ffaa haleeluu isaa waraani beeksisee jira.
Lakkoobsi namoota du’anii kan duraan beeksisame ka yoo xiqqaate loltoonni 10 lola keessatti yoo du’an kanneen 50 ta’an immoo wal’aansa argataaa jiran. Gama diinaatiin duula qulqulleessuu geggeessameen reefki shorokeessotaa 18 argamuun ibsamee jira.
Uummati Jiiboo 30,000tti hedamu erga warri Jihaadaa riqicha dhoosuu dhaan daandii gurguddaa to’atanii booda sochiin isaa addaan citee jira.
Haleellaan sun guyyoota afur booda fonqolcha mootummaa Burkinaafaasoo keessatti geggeessame kan hoogganaa waraanaa dargaggeessa ta’e Ibraahim Traore-n geggeessame gargaaree jira.
Biyyattiin Afriikaa dhiyaa baatilee saddeet keessatti fonqolchi mootummaa yeroo lammataaf geggeessame.