Barattoonni Sababaa Nageenyaan Qehee ofii irraa Buqa'an Ambootti Baqatan Rakkoon Nageenyaa Barnoota Isaaniirratti Dhiibbaa Uumuu Dubbatan   

Your browser doesn’t support HTML5

Godinaa Shawaa Lixaa, aanaalee adda addaa keessaa dhabamuu nageenyaatiin kanneen mana kanneen buqqa’an barattoonni mana barnootaa sadarkaa lammaffaa barachuuf carraa dhaban dhimmi nageenyaa barnoota isaanii irratti dhiibbaa qabaachuu dubbatu.

Waa’een maatiilee bakkawwan rakkoo nageenyaa qaban keessatti hafanii kan isaan yaaddessu tahuu Sagalee Ameerikaatti himanii jiru. Manni-barnootaa sadarkaa lammaffaa Amboo barattoota bara kana simate 2,800 keessaa 230 kanneen tahan barattoota sababaa rakkoo nageenyaan mana ofii irraa buqqa’an tahuu himee jira.