Prezidaant Baaydin Gita Isaanii Kan Israa’eel Waliin Dubbatan

  • VOA

Prezidaant Baayiden Prezidaantii Israa'el Herzoog waliin Washingten Keessatti wal argan

Pirezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baayiden fi Pirezidaantiin Israa’el Isaak Heerzog Robii kaleessaa Waayit Haawus keessatti marii gaggeessaniin, waa’ee sodaa Iraan uumte dabalatee dhimmoota nageenyaa adda addaa irratti dubbatan. Mariin kunis weerara Raashiyaan Yukireen irratti rawwatte Iraan deeggaruu ishee dabalata.

Xayyaara nam maleeyyii ykn Dronii Iraan kanneen lammiwwan Yukreen irratti haleellaa geesisan faccisuuf caasaa ittisa qabdu Yukreen Israa’eliin kan gaafattee ta’uus Israa’eel garu diddee jirti.

Ani hojii koo keessatti yeroo 5,000 kana nan jedha kan jedhan Baaydiin, waadaa akka sibiilaa jabaa Ameerikaan Israa’eliif qabdu qajeelfama, yaada fi safuu keenya bu’uura kan godhatee dha jedhan prezidaant Baaydiin.

Haerzog gama isaaniin sodaa Iraan uumtee Israa’ee darbee fagoo deema jedhanii gara meeshaa Niwukilaraa fi meeshaa jamaa Yukireen keessatti lammiilee nagaa ajjeesaa jiran dhiyeessuutti ce’uu jedhan.

Raashiyaan diroonii Iraan gargaaramuun guutummaa Yukireen keessatti haleellaa raawwachuu ishee angawoonnii Yukireenii fi biyyoota gama dhihaa mirkaneessanii jiru.