Naannoo Oromiyaatti ji’oota sadan darban jidduutti namoonni 37 dhukkuba busaan du’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibseera. Itti aanaan itti gaafatamaa biiroo fayyaa oromiyaa Abaaraa Bootoree sagalee Ameerikaatti akka himanitti naannoo lafa ho'aa keessatti bookeen busaa kanaan dura hin argamne argamuu tu dhibee kana hammeesse. Biiroon Fayyaa Oromiyaa Ministeera Fayyaa fi dhaabilee deggertootaa waliin tahuun dhukkubicha ittisuuf akka hojjechaa jiran dubbata.
Dhibeen Busaa Naannoo Oromiyaa Keessatti Babal’achuu fi Lubbuu Galaafachuun Himame
Your browser doesn’t support HTML5