Gamtaan Afrikaa Nagaa Ripaablikii Deemookraatwaa Kongoo Irratti Yaaddoo Qabu Ibsee Jira

  • VOA

FAAYILII - Lolotta Ripaablikii Deemookraatwaa Kongoo, Rutishuru

Gamtaan Afrikaa Dilbata kaleessaa haalli nageenyaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo gama bahaa keessaa akkaan isa yaaddeessuu isaa ibsee jira.

Sababaan isaas, riphxee looltonni iddoo haaraa to’achuun isaanii hammaataa waan dhufeef ta’uun ibsamee jira.

Dura taa’aan Gamtaa Awurooppaa Maakii Saal fi dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaki Mahamat Ibsa waloo baasaniin, haalla nageenya kufaa jiruuf yaaddoo guddaa akka qaban ibsuun, tasgabbiin bu’e mariin akka taasifamu waamicha dhiyeessan.

Qaamoleen hundi battalumatti dhukaasa dhaaban, seera addunyaa akka kabajan, nagaa fi nageenya namoota nagaa ykn sivilootaa akka kabajan waamicha dhiyeessuu isaanii ibsii baasan hubachisee jira.

Riphxee looltonni M 23 jedhaman Sambata darbe biyyatti keessatti lafa qabeenya albuudaan beekamuu bal’aa qabachuun, qaamnii nagaa eegsisuu kan Tokkummaa Mootummoota sadarkaa of eeggannoo isaa akka dabaluu fi deeggarsa waraanaaf gumaachu akka guddisu taasisee.

Tarkaanfiin yeroo dhiyoo kun kan dhufe yeroo hariiroon dippilomaasii Ripaabliika Demookraatawaa Kongoo fi Ruwaandaa gidduu jiru yeroo hammaatetti.

Angawoonni Kongoo Ruwaandaatu finciltoota M23 jedhaman deeggara jechuun himatanii, ambaasaaddarri Ruwaandaa akka ari’amu Sambata darbe beeksisan. Rwaandaan gama isheen Tarkaanfiin Kongoon fudhattee kun, nama gaddisiisa jettee jirti.

Kutaa keessatti nagaa mirkaneessuuf qaamonni dhimmi kana keessaa harka qaban martii marii ijaaruu akka gaggeessan Gamtaan Afrikaa gaafatee jira.