Komiishinni mirga namaa itiyoophiyaa, mootummaa fi qaamotiin dhimmi ilaalu ka biroon mirga dubartootaa fi ijoollee akka kabajan gaafatee jira. Komiishinichi haala mirga dubartootaa fi daa’immaan Itiyoophiyaa keessaa ilaalchisee gabaasa gamaaggama isaa kan walii galaa dhiyeessee jira.
Gabaasi sun Fulbaana bara 2021 fi Hagaya bara 2022 gidduu yeroo jiru of keessaa qaba. Komishinerri gumii mirga namaa Itiyoophiyaatti komishinera dhimma dubartootaa fi ijoollee kan ta’an Meskerem Gesit akka jedhanitti gabaasaan kun guddina gaarii ijoo, yaaddoowwan ijoo ta’an, qormaata, fi yaada murtiis of keessaa qaba jedhan.