Afrikaa kibbaa keessatti guyyoottan Saddeetan darbaniif marii araaraa irrra kanneen turaan mootumaan Itiyoophiyaa fi ABUT walwaraansaa waggoottan lamman darbaniif taasifamaa ture karaa nagaatiin furuudhaaf walgaltee irra gahuu isaanii jila Gamtaa Afrikaa jaarsummaan marii sana geggeessaa ture kan hoogganan Prezidaantiin Naajeriyaa duraanii Olusegun Obasaanjoo guyyaa har’aa ibsaa gaazexesootaaf kennaniin beeksisanii jiru.
Akka Obsaanjoon jedhanitti, gareewwan lamman dhukaasaa dhaabu, tajaajilaa bu’uraa deebisaanii jalqabuu, gargaarsaa namoomaa mijeessuu, eegumsaa ijoolewwanii fi dubartootaaf taasifamuu qabu jabeesuu fi kanneen biroo irratti waliigalan.
Garee mootumma Itiyoophiyaa bakka kan bu’an Ambaasader Reeduwaan Huseen fi ABUT kan bakka bu’an Obbo Geetaacheewu Radda waligaltee kana irraa gahamuu isaa haasaa taasisaniin mirkaanesani jiru.
Mootummaan Itiyoophiyaa waligaltiichaa hojii irra olchuudhaaf akka itti dhimmatee hojjatuu, akkasumas ijaarsii sirna dimokiraasii akka jaabaatu, mariin biyyaalesaa akka taasifamu ambaasader Reediwaan Huseen ibsaniiru.
Walwaraansa Kanaan kan ka’e lammiileen Tigraay kuma dhibbatti lakkawaman akka du’an, ijoollewwan akka hin baranne, hospiitaalonii akka tajaajila hin kennine taasifamuu isaanii kan ibsan obbo Geetachewu Raddaa, waligaaltichaa kan mallateessan ummataa Tigraay fi ummata Itiyoophiyaatiif carraa nagaa kennuudhaaf akka ta’e ibsanii jiru. Walgalteen irra gahamee akka dafee hojii irra oolu kan gaafatan obbo Geetaachoon gareen isaanii waan danda’ame hunda akka hojjatu ibsaniiru.