Godaantota Gara Kutaa Dimokiraatonni Hooggananitti Geessuun Dubbii Ijoo Filannoo Ta’ee Jira

  • VOA

Namoota buufata filannootti sagalee kennan, Niiw Meeksikoo, Onkoloolessa 24, 2022

Bulchitoonni Rippabilikaanotaa Filooriidaa fi Teksaas namoota kumaatamaan lakkaa’aman kanneen koolugaltummaa siyaasaa barbaadan gara Waashingiten Diicii, Niiw Yoork fi bakkeewwan biroo Dimookiraatotaan geggeeffamanitti erguu dhaan lakkoofsi godaantota daangaa kibba Yunaayitid Isteetis dhaqqabanii akkaan ol ka’aa ta’uu isaa ibsuuf yaalaa turaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Godaantota Gara Kutaa Dimokiraatonni Hooggananitti Geessuun Dubbii Ijoo Filannoo Ta’ee Jira

Godaantonni 18,000 ta’an kutaa Teexaas Irraa gara Niw Yoorkitti ergamaniiru. Aaron Ranen magaalaa Niw Yoork irraa waa’ee namoota Atobusii dhaan dhufanii fi dhiibbaa siyaasaa filannoo gaggeeffamuuf jiru irratti qabu ilaalchisuun gabaasee jira.