Yoo haal dureewwan isaan gaafatan fudhatama argatu ta’ee Raashaa wajjin maariidhaaf taa’uu akka barbaadan Prezidaantii Yuukreen Volodemiir Zeleneisii ibsaanii jiru. Walgahii haalaa qileensaa kan idlee addunyaa irratii haasaa taasisuu isaaniitiin duratii akka jedhaniitii, yoo daangaan Raashaatiifi Yuukreen bakka isaatti deebii’ee dhaabbate, yoo wareen weeraa raashhatiin miidhaan irra gaheef beenyaan kaffalame fi yoo wareen lolichaa kaasaan itti gaafatamuummaati dhihaatuu ta’an marii karaa nagaa dhuga qabeessaa ta’eef qophaawaa ta’uu isaanii akka himan gabaasameeraa.
Itti gaafatamaan maree Nageenyaa fi Itisaa biyyaalesaa Yuukreen Oleksii Daniiloov gama isaaniitiin akka jedhaniitii haalii inii gudhaan daagaalee Yuukreen bakkatii deebisuu akka ta’ee ibsuun isaanii dabalataan gabaasamee jira.
Oduu walqabateen Gaazeexaan Raashaa The Komeersant jedahmuu qibxataanhar’aa maddeewaan dhimichatti dhiheenyaa qaban waabeffachuudhaan akka gabaasetii yunaayitd Isteets fii Raashaan waa’ee meeshaa Nuukileeraa irraatii biyyaa walakeesaa bahaa maqaan hin dhahamnee keessatii walgahii taasisuudhaaf deemuu. Walgahiichii ergaa Raashaan yukreeniin weerartee Guraandhalaa 24 as meeshaalee Nuukleeraa hojjatamaan akkataa hirdhiisuun danda’amu irratii akka ta’ee gabsameera.
Karaa biraatiin biyii yeroo ammaa yaalii misaa’elootaa hedduu taasisaa jirtu Kooroyaan kaabaa, Raashadhhaaf meeshaalee waraanaa gurguddoo dhiheesaa jiritii jechuudhaan himanna irratii dhihaatee qibxata har’aa haaltee jirti.
Qaamooleen dhaabataa tika US dhiheenyaa kana odeeffannoo baasaniinii Raashaan Kooriyaa kaabaa irraa Rookeetotaa fi meeshaalee waraan gurguddoo fageennyyatii furgugaa’an arggachuu ishee mirkaneessuun isaanii ibsamee jira.