Buqqaatonni Kuma Hedduun Magaalaa Shaambuu Qubatanii Jiran Gargaarsa Gahaa Hin Arganne, Jechuun Komatan  

  • VOA

Buqqaatonni Kuma Hedduun Magaalaa Shaambuu Qubatanii Jiran Gargaarsa Gahaa Hin Arganne, Jechuun Komatan  

Naannoo Oromiyaa godina horroo Guduruu wallaggaa aanaalee adda addaa irraa sababa rakkoo nageenyaan buqqa'anii magaalaa Shaambuu keessa ka jiru Yuunivarsiitii wallaggaa damee shaambuu fi buufata konkolaataa magaalaa shaambuu keessa lammiileen yeroof qubatanii jiran deeggarsi namoomaa taasisamaafii jiru “gahaa miti” jechuun iyyataa jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Buqqaatonni Kuma Hedduun Magaalaa Shaambuu Qubatanii Jiran Gargaarsa Gahaa Hin Arganne, Jechuun Komatan

Itti gaafatamaan waajjira buusaa gonofaa godina horroo guduruu wallaggaa ammoo gama isaaniin buqqaatota kanaaf deggersi kallattii adda addaatin godhamaafii jira, jedhu. Wajirri Buusaan gonofaa Oromiyaallee dhimma kana irratti deebii kennee jiraa. Tsahaay Daamxoo tu gabaase.