Ba’iin Filannoo Yunaayitid Isteets Addaan Bahee Hin Beekamne

  • VOA

USA-ELECTION

Filannoo walakeesaa Yunaayitid Isteets dheengadda taasifamen ammas paartii kongireesiidhaa fi seenetiidhaa caalmaa sagalee argatee akka addaan hin baafenee gabaasamaa jira.

Filannoo kana irratti dorgomtoonii paartii reppabilikaanotaa kongireesii moo’u akka danda’an balidhinaan tilmaamamus lakoofsaa sagalee amma ammat ifa taasifameen demokiraatonni caalamanii hin argamenee. Bakka tokko tokkootti dorgomtoonni wan sagalee walqixaa argataniif filannoon irra deebii taasifamuu akka malu ibsamaa jira.

Wagga lamaa keessatti yeroo lammaffaadhaaf dorgomiin kutaa joorjiyaa keessatti taasime waan walqixa ta’eef Senetii irratti paartii olaantumaa argatee murteesuun hin danada’amne jedhameeraa.

Kaadhimamman paartii Demokiraatotaa Seneter Rafaa’eel Waarnookii fi bakka bu’an reppaabilikaanotaa Heersicheel Waalker sagalee walqixa ta’ee waan argataniif filannoon irraa deebii taasifamuun isaa hin oolu. Yoo filannoo irra deebii ni taasifamaa ta’ee amma Sadaasaa 6 bara 2022 ti madaaliin teesoo Senetii beekamuu hin dandau.

Filanno kana irratti waan adda ta’anii mulatan keessa tookko bulchaan kutaa Meeriilaand seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif nammi gurrachaa ta’ee filatamuu issa akka ta’e gabaasamaa jiera. Kaadhimama paartii dimokiraatotaa kan ta’an Wees Muur sagalee jiraattota kutaa Meeriilaand argachuudhaan filatamanii jiru.

Caraan siyaasa Yunaayitid Isteets ittu gar tokkotti hin bahiin yemuu jiru kannatti prezidaant Joo baayiden walga’ii biyyootaa 20 ykn G- 20 jeedhamee beekamu biyya Indooneejiyaa keessatti taasifamuuf deemuu irratti erga hirmaatanii boodaa egeree siyaasaa biyyatti irrati maryachuudhaaf hoggantootaa paartilee lammanii wajjin akaa wal arguuf karoorfatan gabaasameera.