Waraannii Raashaa Kibba Yuukreen keessaa bahaa Jira

  • VOA

Russia Ukraine War

Waraanni Raashaa maagaala kibbaa Yuukreen Kiheerseniin akka gad dhiisee ministeerri ittisaa Raashaa ibsee jira. Hogganaan waraanaa Raashaa Sergee Shoo’igu hoggantootaa waraanaa biroo wajjin ta’uudhaan ibsa kennaniin tarkaanfii mootumaan isaanii fudhaatee kan himan yemuu ta’uu, waraanaa Raashaa isaa Yuukreen keessatti argamuuf ajaja walii galaa kan ta’an Jeeneraal Sergee Surooviikin ,bakka qabatanii turan gad lakkisanii booddatti debi’uun waan ulfaataa ta’us lubuu loltootaa qusachuudhaa fi dirqama egeriitif loltootaa qopheesuudhaaf akka barbaachisaa ta’e ibsaniiru.

Haalumaa walqabateen, qondaalli waraanaa olaanaan yunaayitid Isteets Jeneraal Mark Miileey, tibbana ibsa keennaniin ergaa lolli yuukreen jalqabamee as Raashaan loltootaa kuma 100 ol dhabuu ishee akka himan Rooyiters gabaasee jira.

Jeeneraal Miiley garee “Economic Club of Newyork” jedahmu irratti akka dubbatanitti gamaa Yuukreeniinis loltoonni lakkoofsaa wal fakkaataa ta’e qaban du’uun isaanii hin oolle.

Akka jeeneraal Miiley dabalanii himanitti walwaraansichaan kan ka’ee lammiileen yuukreen miiliyoonii 15 amma miiliyoonii 30 ta’an biyyaa isanii gadi lakkisaanii kan baqataan yemuu ta’u Siviilonni kuma 40 ta’an immoo du’aniiru.

Waraanni Raashaa kuma 20 amma kuma 30 ta’au kibbaa Yuukreen naannoo laga Diiniproo gadi lakkisee bahuudhaaf murteesuun isaa tarii marii karaa nagaa yuukreenii wajjin mijeesuudhaaf akka ta’u xinxaltoonni tokko tokko yoo dubbatan, kanneen biroo immoo tarii Raashaan kan boodaatti deebi’uuf murteesite umnaa ishee jabeeffatee deebi’uudhaaf jechuudhaan akka shakkii isaanii ibsaa jiran Rooyiters gabaaseera.