Mariin Naayiroobii Keessaa Itti Fufeera

  • VOA

Mariin Naayiroobii Keessaa Itti fufee jira Sadaasa. 7, 2022.

Mariin nageenyaa hoggantootaa umna waraana mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa fi hoggantoota waraana ABUT gidduutti Naayiroobii keessatti taasifamaa jiruu kamisaa har’aas itti fufuu isaa dhaabanni oduu Assoosheetid prees gabaasee jira.

APn maddaawwan walgahichaaf dhiheenya qaban, kan waa’ee walgahichaa ifatti dubbachuudhaaf eeyyama hin arganne waabeffachuudhaa akka ibsetti Walgahiin wixataa dheengaddaa jalqabamee Roobii kaleesaa raawwata jedhamee karoofamee ture.

Dhaabbanni mootumoota gamtoomanii Roobii kaleessaa akka ibsetti dhaabileen gargaarsa Tigraay keessatti hojii gargaarsa namoomaa itti fufudhaaf waligaltee haalaa dhukaasa dhaabuu irratti huundaa’ee kana eeggachaa akka jiran ibsee jira.

Dhaabataa mootumootaa gamtoomaniitti daarikteera dhaabbata Fayya Aduunyaa kan ta’an Dr. Tewodiroos Adehaanoom ibsaa gaazexesootaaf kennaniin gargaarsa fayyaa taasisuudhaaf mallateeffama waligaltichaa eeggachaa akka jiran himuun isaanii bekameera.

Garee mootummaa Itiyoophiyaa marii araaraa irratti hirmaate kan hogganan ambaasader Reediwaan Huseen dhuma torban kanaa ykn walakkeesa torban dhufuu keessa gargaarsii namoomaa akka Tigraayiin seenu taasifama jechuu isaanii APn gabaaseeraa.

Haaluma walqabateen, Waligaltee mootummaa feederaalaa Itiyoophiyaa fi mootummaa naannoo Tigraay giduutti taasifamee irratti hudaa’uudhaan dhaabileen Miidiyaa waligaltichaa akkaataa gabaasuu qaban irratti qajeelfamni qophaawaa jiraachu isaa haanga’an mootumaa ibsani jiru.

Daarekteerri abbaa taayitaa miidiyaa Itiyoophiyaa Mohaamed Idiris ibsaa dhaabbata presii Itiyoophiyaatiif kennan waabeffachuudhaan Kenedii Abaate Akka gabaasetti, qajeelfamni akkataa gabaasa miidiyaa kun kan qophaa’uuf deemuu waligaltee walwaraansaa fi diinummaa dhaabuu Afrikaa kibbaa keessatii taasifamee irratii hundaa’udhan.

Qabxii Waligalitichaa keessaa tokko kan ta’ee lakkoofsa Sadii jalatti kan argamu, qabxii sadaffaan haala diinummaa dhaabuu jechuun, olola , barreefamaa fi haasaa diinumaa babaldhisuu irraa of qusachuu kan dabalatuu akka ta’e kan ibsuudhaa.