Mariin Nageenyaa Mootummaa fi ABUT Gidduutti Taasisame Gurmuulee Hidhattootaa Biroo Waliinis Itti Fufuu Qaba, Jedhu Xiinxalaan Siyaasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Mariin Nageenyaa Mootummaa fi ABUT Gidduutti Taasisame Gurmuulee Hidhattootaa Biroo Waliinis Itti Fufuu Qaba, Jedhu Xiinxalaan Siyaasaa

Waliigalteen nagaa mootummaa Itiyoophiyaa fi humnoota TPLF waliin jidduutti taasifameen booda ammas mareen guyyoota muraasa dura Naayroobiitti jalqabe itti fufee jira. Dhaabbanni tamsaasa Oduu Asooshiyeetid Pirees oduu harra ifoomseen, mareen humnoota Tigraay hiikkachiisuurratti xiyyeeffate ammas guyyootaaf dheerachuu angawa takka wabeeffaachuun ibsee jira.

Obbo Solomoon Teferraa Yuuniversitii Ambootti barsiisaa muummee saayinsii Siyaasaati, walii galteen kun nageenya biyyaaf bu’aa gaarii akka qabu dubbatanii, garuu rakkoon nageenyaa biyyaa guutuutti akka furamuuf mootummaan kanneen Oromiyaa keessaa dabalatee warra hidhatanii socho’an waliin marii taa’uun waliigaltee dhukaasa dhaabinsaa mallatteessuu qaba, jedhan. Galmoo Daawwit tu qopheesse.