Prezidaantiin Somaaliyaa Daawwannaa Hojiif Ertraa Seenan

  • VOA

Faayilii - prezidaantiin Somaaliyaa Eertraa daawwataa jiran

Prezidaantiin Ertraa Isaayaas Afawarqii fi giti isaanii kan Somaaliyaa Hassan sheek Mahmood hariiroo biyyoota lameenii fi dhimmootii kutaa irratti dubbatanii jiru. Prezidaantiin Somaaliyaa Ertraa kan seenana yoo ta’u marii gaggeessaniin haala qabatamaa yeroo ammaa somaaliyaa keessaa kan waliigalaa fi amma jiru irratti dubbatan.

Jilli prezidaantii somaaliyaan hogganamuu fi ministeerri dantaa alaa somaaliyaa keessatti argaman kun, Jimaata har’a prezidaantii Ertraa waliin human qilleensaa kan Ertraa daawwatanii jiru.Achittis maaltu hojjatamaa akka jiruu fi sadarkaa inni irra ga;e ogeeyyiin ibsii kennameefii jira.

Yeroo kanattis iddoo sanatti leenjiifamaa kan jiran looltoota Somaaliayaa dubbisuu isaanii fi hiriira looltoota somaaliyaan dhiyaatees ilaalanii jiru.Iddoo kanneen biros kan daawwatan yoo ta’u daawwannaa hojii guyyaa afuriif Asmaraa seenuun isaanii ibsameera. Prezidaantiin somaaliyaa dhiyeenya kana Asmaraa seenuun waa’ee looltoota somaaliyaa Leenjiif Ertaa keessa turanii dubbachuun ni yaadatama jechuun Birhaane Barhee Asmaraa irraa gabaasee jira.