Gargaarsii Tigraay Seenee Moo Hin Seenne: Falmii Gam Lamaa

  • VOA

FAAYILII - Daandii Tigray ganda Erebti-tti geessu Waxabajjii 9, 2022.

Mootummaan Itiyoophiyaa Jimaata har’a humnootiin isaa kan wal waraansaan miidhame Tigraay keessaa harka 70 akka to’atu ibsee gargaarsii seenuu kan ibse ta’uus, finciltoonni Tigraay garu kun soba jechuun haalanii jiru.

Gargaarsi namoomaa naannoo sanaaf baay’ee barbaachisu ta’u fi achitti deebisuun waliigaltee nagaa mootummaa federaalaa fi ABUT gidduutti mallatteefame fi dhimmi ijoo ta’an keessa tokkodha.

Dubbiin wal faallessu kun kan dhiyaate yeroo bakka bu’oonni gama wal lolan lameenii magaalaa galama mootummaa Keeniyaa Naayiroobii keessatti walga’ii hordoffii kan waliigaltee haaraa Adoolessa 2 magaalaa guddoo Afrikaa Kibbaa Piritooriyaa keessatti mallattaa’e yeroo gaggeessaa jiranti.