Oromiyaa Keessatti Nageenyi Akka Bu'uuf Abbootiin Gadaa Qooda Isaanii Gumaachuu Qaban, Jedhame 

Your browser doesn’t support HTML5

Oromiyaa Keessatti Nageenyi Akka Bu'uuf Abbootiin Gadaa Qooda Isaanii Gumaachuu Qaban, Jedhame

Rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa furmaata waaraa akka argatuuf abbootin gadaa gumaacha irraa eegamu gochuu qabu jechuun Gamtaan Abbootii Gadaa Finfinnee ibseera.

Akkaataa seeraa fi lallaba sirna Gadaatin nageenyi boora'e akka bakkatti deebi'u gochuuf Abbootin Gadaa qabatamaan hojii eegaluu qabu, jedhan Abbootin Gadaa sagaleen Ameerikaa haasofsiise. Gamtaan abbootii gadaa Finfinnee rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessatti muudate fala barbaaduuf sochiitti akka jirus eerera.