Konkola’attonni Meeshaalee Gargaarsa  Fayyaa Fe’an Maqalee Seenaniiru

  • VOA

FAAYILII - Meeshalee qarqaarsaa Maqalee tanaan dura galee ture

Ergaa ji’a hagayya darbee keessa lolli Tigraay deebi’ee itti fufee fi erga waligalteen Afrikaa kibbaa malatteefamee as yeroo jaqabaatiif qoricha fi meeshalee egumsaa fayyaa konkola’ataa lama guutuu qibxata har’aa magaalaa Maqalee galchuu isaa dhaabanii koree fannoo diimaa adduunyaa ICRCn beeksiseera.

Itiyoophiyaatti itti gaafatamma dhaabbatichaa kan ta’an Nikoolaas Voon Arkis dhimmii egumsaa fayyaa naanicha keessa jiruu hedduu yaaddesaa ta’u isaa himanii gargaarsii amma qaqqabe kun namoottan gargariisi fayyaa atattamaan isaan barbaachisuuf carraa gaarii akka ta’e himaniiru.

Gumaachaa gareewwan adda addatiin, deggersii dhaabbanii koreen fannoo diimaa addunyaa Tigraayii keessatti taasisuu akka baldhinaan itti fufu ibsii dhaabbatichii finfinnee irraa baase erera.

Ergaa waligalteen dhukaasa dhaabuu taasifamee as dhaabbanni hawaasaa Fannoo diimaa Itiyoophiyaa naannoo Tigraay, Amaraa fi Affar kessatti gargaarsa yeroo atattamaa taasisaa jiraachuu isaa ibsii kub dabalee beeksiseera.