Gargaarsi Gama Tigraayitti Ergamuu Jalqabuu Simachuun Ergaan Gama Adda Addaa Darbaa Jira

  • VOA

FAAYILII - Konkolaataa qarqaarsa fe'ee gara tigraay deemu naannoo Samaraatti, Afaar, Caamsaa 15, 2022

Walitti bu’iinsi sun ka’ee waggaa lama booda balaliin yaalii kan ICRC har’a magaalaa Shiree qubatee jira. Gara Tigraayitti balaliin ta’u deebisee jalqabuun, gargaarsi namoomaa namoota kumaan laka’aman kanneen deggersi isaan barbaachisuu fi dararaman hatattamaan naannoo sana akka dhaqqabu gargaara jechuu dhaan ICRCn ergaa twitter maxxanseen beeksiseera.

Erga baatii Waxabajjii bara 2021 as yeroo jalqabaaf karaa Gondar Tigraay Kaaba gama dhiyaa seenee jira jechuu dhaan jarmayaan nyaata addunyaa WFP fuula twitter ofii irratti barreessee jira.

Midhaan gargaarsa murteessaa ta’e amma guyyoota dhufan keessatti hawaasa magaalaa Mai Tsebri keessa jiraniif ni dhiyaata. Nyaanni itti dabalaa, nyaani madaalamaa fi konkolaataan meeshaa wal’aansa fayyaa karaa danda’ame mara ergamuu itti fufa jedhee jira.

Angawaa gameessa TPLF Profeeser Kindeyyaa Gebrehiwet gama isaaniin twitter isaanii irratti barreessuu dhaan, konkolaattota fe'umsaa meeshaalee gargaarsaa fe'anii Maqalee ga'aa jiran jedhan. Akka waliigaltee lola dhaabinsaa gargaarsi namoomaa dhorkaa malee akka dhaqqabu gochuuf mallattaa'een gargaarsi itti dabalaa yeroo dhiyoo ni dhaqqaba jennee abdanna jedhan.