Lolli hidhattootaa fi humnoota nageenyaa mootummaa jidduutti Gujii Lixaa Aanaa Soorro Barguddaatti gaggeeffamaa jiraa jedhame, araara Burjii fi Gujii jidduutti gaggeeffamuuf ture duubatti harkisuu abbaan Gadaa Jilo Mandhoo VOA’f himanii jiran. Jiraattonnis ammallee daangaawwan Gujii fi Burjiirratti walitti bu’iinsi akka jiru, lubbuun namootaa darbaa jiraachuu dubbatu. Bulchiinsi Godina Gujii Lixaa garuu yeroo ammaa humnootni nageenyaa naannochatti bobba’anii waan jiraniif wanni hagas yaaddessaan hin jiru, araarri bu’uuf jira jedha. Galmoo Daawit dabalata qaba.