Polisoonni Chaayinaa Mormii Uummataa Qabaneesuuf Yaalaa Jiru

  • VOA

Barattota hiriira bahan, Beejigi, Chaayina, Sadaasa 27, 2022

Poolisiin Chaayinaa Kibxata har’a magaalaa galma mootummaa kan taatee Beejiingii fi wiirtuu maallaqa Chaayinaa gudditti Shaangaayitti sakatta’uun uggura koovid labsamee irratti mormii ka’e akkasumas kan yeroo baayyee hin dhaga’amne kan Pirezidaanti Shii Jiinping akka aangoo gadhiisuuf gaafatu akka deebi’ee hin kaanee ittisuuf hojjechaa ture.

Magaalonni lamaan halkan edaa callisanii kan turan yoo ta'u, poolisiin humnaan ba'eera. keessumaa naannoowwan fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa walga'ii haaraa gaggeessuuf yaada dhiyeessaa jiranti.

Mootummaan Chaayinaa Wiixata kaleessaa seera weerara dhibee KOOVID keessaa tokko tokko salphise, garuu tarsiimoo KOOVIID dhabamsisuuf waadaa galuu isaa mirkaneessee jira.

Mootummaan hiriira ilaalchisee waan kaase hin qabu. Garu waggoota kurnan darban keessatti mormii Paartii Koominiistii biyya bulchaa jiru isa guddaa agarsiisa. Gama kaaniin seera labsaman xiqqoo laaffisuun immo, hiriira kana qabaneesuuf irratti kan qiyyaafatee fakkaata.