Olmaa Dorgommii Waancaa Addunyaa

  • VOA

Dorgommii Gaanaa fi Uraaguwaay, Istaadiyamii Al Janowub, Qaatar, Muddee 2, 2022

Tapha kubbaa milaa kan waancaa addunyaa Qaataar keessatti gaggeeffamaa jiruun, Kamiisa kaleessaa haala hin eegaminiin Jaapaan speeniin 2 fi tokkoon injifattee jirti.

Gama kaanii Jarmaniin Kostariikaa Afurii fi lamaam kan injifattee ta’uus tartiiba qabxii jalqabaa kaasee galmeesisanii ramaddii garee biyyoota arfan kana keessaa Jaapaanii fi speen darbuun gartuu warra kudha ja'atti dabalamanii jiru. Jarmaniin dorgommii kanaa ala taatee jirti.

Kamiisuuma kaleessaa tapha Kaanaadaa fi Morokkoon gaggeessaniin Morokoon Kaanaadaa lamaa fi tokkoon injifattee, kirooshiyaa fi Beeljam wal qixxee ba’an. Garu Beeljiyam carraa injifachuu qofaa qabdii waan taateef hin milkaa’iin hafte.

Akka kanaan, Jaapaan tapha ishee isa itti aanuu Krooshiyaa waliin akkasumas Speen immo biyyatti Afrikaa Moorookoo waliin xabachuuf jiru.

Har’a tapha ramaddii gaggeefameen Uraagwaay Gaanaa lamaa fi zeroon kan injiifattee ta’uus, Koriyaan Kibbaa portugaaliin lamaa fi tokkoon injifattee carraa dabruu Uraagwaay karaatti hambeefte.

Ramaddii sana irraa Portugaalii fi Koriyaan Kibbaa darbanii jiran. Gareen Kaameeruun Braazil waliin akkasumas Gareen serbiyaa swwizar land waliin har’a xabachuuf jiru.

Gama kaaniin Taphii gareewwan 16 immo sambata borii jalqabama.